SEENAA ARDII ETHIOPIA

Faaruun hunduu kan Rabbii Gooftaa aalamaati.
Rahmanniifi nageenyi nabiyyii keenya Muhammad,
maatii isaaniifi sahaabota isaanii hunda irra haa jiraatu.

Akkuma beekamu ummanni kamuu namoottan
eenyummaa (identity) baay’ee qaban irraa ijaarame.
Eenyummaan kun saba, amantii, saala, miseensa garee
wahii ta’uu ykn kan biroo ta’uu danda’a. Namni tokko
yeroo baay’ee eenyummaa afuriifi sanaa ol qabaachuu
danda’a. Fkn ani saba Oromoo, amantii Muslimaa,
lammii Itoophiyaa, saala Dhiira, ogummaan Injinaraafi
kkf jedhee of ibsuu nan danda’a. Namni kamuu
eenyummaa kanaa oliitiin of ibsuu ni danda’a.
Eenyummaan kun hunduu fedhii adda addaa nama
keessatti uuma. Namoonni fedhiin isaanii walitti
dhihaate eenyummaa isaanii irratti hundaa’anii garee
wahii waliin ijaarratu. Fkn yeroo ammaa sabni Oromoo
tokkoomee bakka jiru hundatti warraaqsa uumee
bilisummaa isaatiif qabsaa’aa jira. Akkasuma
Muslimoonni waggaa torban har’aa tokkummaadhaan
gurmaa’anii mirga isaaniitiif qabsaa’aa turan. Yeroo garii
hojjattoonni mootummaa wal ga’anii qabsaa’anii miindaa
isaanii sirreeffachiifatu. Akkuma kana
konkolaachistoonni yeroon isaan walii galanii lagannaa
hojii geggeessuun hacuuccaa isaan irra ga’e kaasuuf qabsaa’an ni jira. Yeroo dhiheenyaa kana barattoonnis
biyya keenya keessatti warraaqsa isaan qofa ilaallatu
baay’ee geggeessaniiru. Warraaqsi kun hunduu garee
namoottan hariiroo waliin qaban irratti hundaa’uun
ijaarameen geggeeffame. Warri gurmaa’u kun hunduu
eenyummaafi fedhii gareen waliin qabu irratti hundaa’a.
1
Yeroo baay’ee namoonni addunyaa kana irra jiraatan
eenyummaa baay’ee armaan olii keessaa kallattii afuriin
hariiroo guddaa uumu. Inni jalqabaa namooma yoo ta’u
ilmi namaa hunduu sababa namoomaa hariiroo ni qaba.
Kan biyyaan, sabaafi amantiidhaan addaa sababa
namummaa qofa hariiroo uumee wal bira dhaabata; yoo
rakkate wal gargaara. Ardii Awrooppaa irraa ka’ee kan
inni karaa dheeraa qaxxaamuree namoottan baha fagoofi
Afrikaa kan namooma malee hariiroo homaa hin qabne
gargaaru argita. Gargaarsi akka kanaa baay’ee gaariidha;
jaalatamaadhas. Islaama keessatti ilma namaa qofa osoo
hin taane waan lubbuu qabu hundaa gargaaruun mindaa
guddaa argamsiisa. Dubartiin Banii Israa’iil sagaagaltuun
tokko saree baay’ee dheebotee biyyee eelaa (biirii) nyaatu
argitee kophee isii baaftee eela buutee bishaan
waraabdee isa obaasuudhaan Rabbiin badii isiidhaaf
_______________________________________________
1 Yaada kana waraqaa ā€œIdentity Politics and Politicized Identities:
Identity Processes and the Dynamics of Protestā€ jedhu irraan
cuunfee fuudhe. Baay’een isaa waanuma yaada namaa keessa
jiruudha.

araaramee jannata isii galche.1 Hadiisicha keessatti waan
tiruu jiidhaa qabu hundaa nyaachisuun mindaa akka
qabu nuuf himameera. Kanaafuu nama amantiin,
biyyaafi sabaanillee siin adda ta’e tokko namummaa
qofaaf gargaaruun Islaama biratti jaalatamaadha. Aadaa
Oromoo keessattis gochi kun beekamaadha. Nama
eenyummaa baay’eedhaan Oromoon adda ta’e
moggaasaan ofitti maxxanfatu. Gosa moggaasaa kana
keessaa beekamaan guddifachaadha. Fkn Oromoon
Maccaa saboota akka Innaariyaa, Konch, Shaat,
Bizaamoo, Gumar, Bosaafi kkf2 moggaasaan Oromoo
godhanii tokkummaa uumanii wal gargaaranii waliin
jiraataa turan. Garuu yeroo ammaa Oromoo Maccaa
warra bu’uuraafi saboota kana adda baasuun hin
danda’amu. Qabatama addunyaas yoo ilaalle
namummaa qofaan kan wal gargaaran baay’ee argina.
Silaawuu hunduu ilmaan Aadam waan ta’aniif hariiroo
uumuun barbaachisaadha.
Inni lammaffaa immoo biyyooma; lammiin biyya tokko
keessa waliin jiraatan hariiroo biyyoomaa ni qabu.
Hunduu biyya isaanii irraa waliin fayyadamu.
Akkasumas waliin ta’anii biyya isaanii tiksuun dirqama
isaan irra jiruudha. Jaalala biyyaatu (patriotism) walitti
isaan hidha. Biyya ofii jaalachuufi ummata biyya sana
keessa jiran waliin hariiroo uumuun nageenya uumanii
__________________________________________
1 Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.
2 Muhammad Hasan, Oromo of Ethiopia

waliin jiraachuun murteessaadha. Seera walii galaa
malees jiraachuun hin danda’amu. Kanaafuu biyyi
keenya seera ummata hunda wal qixxeessu baafattee
qabdi. Hojiirra oolchuutu laafe malee seerichi gaarii ture.
Nabiyyichis (saw) warra amantii addaa wajjin walii
galanii biyya misoomsaa turan. Yahuudaa Madiinaan
keessa turan kanneen amantiifi sabni isaanii adda tureen
walii galtee uumanii biyyattii irraa diina waliin
faccisuudhaaf waadaa uumanii turan. Kanaafuu akka
Islaamaatti ummanni biyya tokko keessa waliin jiraatan
osoma sabniifi amantiin isaanii adda ta’eeyyuu walii
galtee uumanii wal gargaaranii jiraachuun barbaachisaa
ta’uu hubanna.
Inni sadaffaa immoo walitti hidhamiinsa dhiigaati. Warri
sabni isaanii tokko ta’e firooma waan qabaniif hariiroo
guddaatu jidduu isaanii jira. Yeroo sabni isaa tokko
rakkate isaa waliin dhaabachuun saba isaa hundarraa
eegama. Akka Islaamaattis firooma fufuu waan ta’eef
barbaachisaa ta’ee argama. Saba keessan waan ittiin
firooma fuftan baradhaa jechuun Hadiisa keessatti
gabaafameera. Akkasuma saba ofii jaalachuufi
gargaaruun uumama waan ta’eef dhiphina ykn of
tuuluutti hin lakkaa’amu. Inni kun fuulduratti bal’inaan
irraa ni dubbatama.
Inni afraffaa immoo warra amantii tokko hordofaniidha.
Ummanni amantii tokko hordofan tokkummaaamantichaa uummatu; yeroo dhiibbaan kallattii amantii
isaaniitiin isaanitti dhufu waliin qindaa’anii tokkummaa
uumanii rakkoo amantii isaaniitiifi ummaticha irra ga’e
irraa deebisuuf socho’u. Akka seera Islaamaatti
Muslimoonni hunduu obbolaadha. Sabaafi biyyaan adda
ta’anillee osoo baraan hin daangeffamin obbolummaa
isaanii Rabbiin nutti hime. Mu’uminoonni akka ijaarsa
manaatti gariin garii jabeessu. Kanaafuu wal tuffachuun,
wal miidhuun, diinaaf dabarsanii wal kennuufi kkf
baay’ee jibbamaadha.
Yeroo garii, miseensi garee tokkoo kan eenyummaa
wahii irratti hundaa’ee ijaarame eenyummaan isaanii
inni hafe wal dhabuu danda’a. Fkn lammii biyya tokkoo
ta’uudhaan gareen wahii ijaaramee achi keessatti sabaafi
amantiidhaan wal dhabuudhaan fedhiin isaanii wal
dhabuu danda’a. Biyya keenya keessatti saba
Amaaraatiin lammummaa waliin qabna. Garuu
sabboonummaa irratti bara dheeraa wal dhabaa turre.
Isaan saba isaanii irratti hundaa’anii saba Oromoofi kan
biroo hacuucaa turan. Faallaan kanaa immoo sabni
bal’aan biyya baay’ee keessa jiraatu sabboonummaan
garee ijaarratee biyya irratti wal dhabuu danda’a. Fkn
Araboonni sabboonummaa irratti hundaa’anii yeroo
dhaabbata tokkummaa Arabaa ijaaran jaalala biyyaarratti
kan wal dhaban argina.

Ilaalcha Eenyummaa Biyya ethiopia

Qabatama biyya keenyaatti yeroo as deebinu, dhugaa jiru
dubbatanii rakkoo jiruuf furmaata barbaaduun dirqama
ta’a. Dhugaa jiru haguuganii bira darbuun gonkuma nu
fayyaduu hin danda’u. Wanti ani warraaqsa biyya
keenyaa irraa yeroo baay’ee hubadhe gareen tokko ogga
eenyummaa wahii irratti hundaa’ee ijaarame
eenyummaa hafe hunda mormuu fedha. Eenyummaan
biyya keenya keessatti bakka guddaa qabu sadii ta’ee
natti mullata. Isaanis lammummaa (biyyooma),
sabboonummaa (saba dursuu) fi amantiidha. Gareen
maqaa biyyaatiin ijaaraman baay’een yeroon dubbii
isaanii dhaggeeffadhu maqaa sabaafi amantii dhaga’uu
hin fedhan. Namni isaan biratti eenyummaa isaa kan
sabaafi amantii mullifate akka dhiphina qabutti ilaalama.
Yeroo baay’ee ijaarsa haala kanaatiin kan socho’aa turan
warra Amaaraati. Dhaabbanni siyaasaa isaanii kan yeroo
ammaa jiranis yaaduma kana labsu. Warri
sabboonummaan wal ijaaran immoo maqaa biyyaafi
amantii dhaga’uu hin fedhan. Biyya isaanii himachuu
kan hin feenellee ni jiru. Haalli kun bara dheeraadhaaf
Oromoota keessa ture. Warri amantiin wal ijaaranis
akkasuma waa’ee biyyoomaafi sabboonummaa dhaga’uu
hin fedhan. Dhugaan jiru garuu kanaa miti. Gareen
sabboonummaa ogga ijaaramu garaa garummaa amantii
jiru hubatee amantii walii waliif kabajee waliin deemuun
dirqama ta’a. Warri amantiin wal ijaares garaa garummaa sabaa jiru hubatee osoo sabboonummaa hin
mormin wal kabajanii waliin jiraachuun dirqama
isaaniiti. Ani garee amantiitti seenuudhaan
sabboonummaan narraa haqamuu hin danda’u;
sabboonummaatti seenuudhaafis amantii kee dhiisi naan
jedhamuu hin qabu. Mirgi kiyya hunda keessattuu ifaan
ifatti mullatee naaf kabajamuu qaba. Biyyoomnis
akkasuma ta’a.
Oromummaafi Islaamummaa yoo ilaalles kana irraa
addaa miti. Amantiis ta’ee sabni eenyummaa namaati.
Kanaafuu namni Oromoo tokko yoo amantii Islaamaa
qabate Muslima; Oromoodhas. Oromoon akkuma
beekamu amantii gurguddaa sadii hordofa. Isaanis
Islaama, Kiristaanaafi waaqeffataadha. Oromoon
Muslima ta’e saba isaatiin boonuu qaba; amantii
isaatiinis boonuu qaba. Kiristaannis akkasuma saba
isaatiin boonaa amantii isaatiinis boonuu qaba.
Waaqeffataanis sabboonummaa isaa eeggatee amantii
geggeeffachuu danda’a. Eenyummaa tokko
mul’ifachuudhaaf eenyummaan kee inni kaan
dhokachuun sirraa hin eegamu. Ani yeroon
Oromummaa mullifadhu Muslimummaa kiyya
dhoksuun ykn yeroon Muslima ta’uu kiyyaan boonu
sabboonummaa dhiisuun gonkuma narraa hin eegamu.
Saboonni biroofi warri amantii biroos akkasuma. Yaanni
bilisummaafi wal qixxummaa lammiis kanuma deeggara.

Yeroo garii yaada kana hubachuu dhabuun ummata
baay’ee keessatti ni mullata. Muslimoonni gariin
sabboonummaa hundaawuu akka sabaan of tuuluutti
fudhachuudhaan kanneen mormuuf yaalan ni jiru. Haalli
kun hordoftoota amantii biraa keessattis ni argama.
Sabboontota keessaahis warri amantii akka Islaamaa ykn
Kiristaanaa fudhachuun sabboonummaadhaan wal
faallessaatti yaadaniifi barreessanillee ni jiru. Dhuguma
sabboonummaan yoo sadarkaa of tuuluufi saba biraa
tuffachuutti jijjiirameef amantii kam keessattuu
jibbamaadha. Sabboonummaan inni osoo saba biraa hin
miidhiniifi hin tuffatin bilisummaa ofiitiif, dachii ofii
misoomsuufi aadaa ofii guddisuuf qabsaa’amu garuu
amantii kam keessattuu waan dhorgamu natti hin
fakkaatu. Akkasuma sabboonaan Oromoo tokko amantii
dhugaa isatti fakkaate qabachuun mirga isaati. Yoo inni
amantii dogoggoraa qabate kan isa gaafatu Rabbi malee
namaa miti. Kun sabboonummaa isaa irratti dhiibbaa
homaatuu hin uumu. Yaanni namoota garii kan
kitaabolee garii keessattillee mullatan akka waan
eenyummaan kun lamaan wal faallessuu sabboonaa
Oromoo ta’uuf waaqeffataa ta’uun ykn amantii ofii
dhokfatanii sabboonummaa qofa labsuu akka ulaagaa
gochuuf kanneen yaalantu jiru. Yaanni kun gonkumaa
sirrii miti; bilisummaa argachuuf qabsaa’aarruunis
guutummaan guutuutti wal faallessa. Sabni Oromoo
bilisoomuu jechuun mirga amantii filate hordofuu dhabuu natti hin fakkaatu. Inni kun hacuuccaa mootii
Salamoonawaa kan maqaas ta’ee amantii natu siif filata
jedhaa tureen darbeera. Amma maqaa
sabboonummaatiin gonkumaa deebi’uu hin danda’u.
Ummanni Oromoo bilisummaa isaatiif yeroo qabsaa’u
bilisummaa siyaasaa, dinagdee, aadaafi amantii isaa
hundaa argachuuf socho’a malee garii argate kaan gadi
lakkisuufii miti

DHIIBBAA EENYUMMAA IRRATTI

Biyya keenya keessatti yeroo baay’ee eenyummaa
dubbannee dabarsine keessaa waa lama irratti hundaa’ee
dhiibbaafi hacuuccaan guddaan raawwatamaa ture.
Isaanis eenyummaa sabaafi kan amantiiti. Akka sabaatti
harka caalu kan miidhame ummata Oromooti. Akka
amantiitti immoo hundarra kan miidhame ummata
Muslimaati. Oromoon Muslima ta’e kallattii saba isaatiifi
amantii isaatiin miidhaan dachaan irra ga’aa ture.
Oromoon Muslima hin taane immoo sababa
sabboonummaa isaa qofa miidhaan guddaan irra gahaa
ture. Akkasuma Muslima saba Amaaraa ta’e irra miidhaa
amantii qofatu ga’aa ture. Inni akka sabaatti roorroon
homaatu isarra hin geenye. Ummanni Oromoo harki
caalu Muslima ta’uun beekamaadha. Kanaafuu miidhaan

kallattii gurguddaa lamaan Oromoota baay’ee irra ga’aa
ture jechuudha. Warri miidhaa suukanneessaa akka
kanaa baay’inaan keessummeessan Arsii, Baalee,
Harargee, Wolloo, Raayyaa, Oromoo Gibee Shananiifi
garii Booranaa fa’i. Warra kana hacuuccaan kallattii
amantiifi sabaatiin isaan mudate ibsuuf afaan namaatti
ulfaata. Harmaafi harka muraan Aanolee, harka muraan
Wolloo, namoota baay’ee ajjeesuufi gabroomfachuun
naannoo Guumaa, Wolloofi godinaalee biraa keessa ture
keessa seenanii dubbachuun namatti ulfaata.
Namoonni gariin hacuuccaan ture saba qofarratti
hundaa’eeti kan jedhan ni jiru; yaanni kun sirrii miti.
Hayyoota Wolloo meeqatu harka mirgaatiin amantii
Islaamaa barreessite jechuudhaan harki irraa murame.
Meeqatu osoo itti hin amanin dirqiin Kiristaana
godhamee yeroo gaafatamu lubbuu isaa hambifachuuf
ā€œWollaahii ani Kiristaanaā€ jedhe. Osoo keessa isaatiin itti
hin amanin of dhoksuuf yaalee kallattii hin yaadneen
Muslima ta’uu isaa deebisee mullise. Sochiin dirqamaan
Ahbaasha gochuu yeroo dhiheenyaa naannoo keenyaafi
guutuu biyyattii jeeqee urgufe eessa nurraa dhokate!
Faallaa kanaa immoo warri miidhaan ture sababa
amantiiti malee saba hin ilaallatu jedhanis ni jiru. Warri
kunis seenaa tureefi qabatama yeroo ammaa jiru
wallaaluu isaanii irraa ka’e. Oromoo meeqatu dirqamaan
Kiristaana godhamee osoma Kiristaanummaa isaa labsuu

mormi isaa murame. Qabatama siyaasaafi dinagdee
Oromiyaan keessa turte sammuu keenyarraa maaltu
haguuge? Warri miidhaan sabboonummaa qofti yeroo
baay’ee isaan mudate naannoo Shawaafi Wollaggaa fa’i.
Akka miidhaan eenyummaa kana lamaan irratti
hundaa’ee geggeeffamaa ture Labsii Minilik baay’ee isaa
yoo ilaalte siif ifa. Qaamni taayitaa fudhatuufi poolisiillee
ta’u akka nama Amaaraa amantii Ortodoksii qabu qofa
ta’e deddeebisee labsaa ture. Ni jedhe: ā€œlammii Amaaraa,
Kiristaanaa, afaan Amaaraa dubbisuufi barreessuu danda’u
ta’uu qaba.ā€1 Kan biraa immoo:
Qaamonni mootummaa hojii geggeessummaa irra jirtanis
gama keessaniin sabni amantii Islaamaa hordofuufi sabni
aramaneen gara amantii Ortodoksiitti akka harkifamaniif nuffii
malee tooftaawwan adda addaa uumtanii akka irratti hojjattan
isin yaadachiifna. Sabni aramaneen kun ilaalcha gaarii akka
qabaataniif lallaba lallabamus akka dhaggeeffataniif gara
jireenya Kiristaanummaatti isaan harkisuun
barbaachisaadha.ā€2
Namoonni gita bittootaa Oromoota amantii isaaniitti
makaman qofa Itoophiyaa jechuun Oromoota amantii
Islaamaa hordofaniifi waaqeffataatiin bulan akka lammii.

1 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis
Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 46
2 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis
Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 47

biyya kanaa hin taanetti barreessaa turan.1 Weerartoonni
Minilikiin dura turanis yeroo meeshaa lolaa warra
dhihaa kan akka Faransaayiifi Ingilizii gaafatan ā€œyoo
qawwee naaf ergitan biyya Gaallaattan amantii Kiristaanaa
baballisaā€ jedhanii waadaa seenuudhaan meeshicha
argataa turan.2 Warri haala kanaan naannoo Oromoo
dirqiin Kiristaana gochuuf meeshaan deeggaramaa turan
baay’eedha. Saahile Sillaaseen kan seenaan isaa baay’ee
hin beekamnellee Oromoota dirqiin Kiristaana gochuuf
deeggarsa meeshaa lolaa argataa ture. Dajjaaz Wubee
bulchaa Tigiree kan ture Raas Alii Oromoo Muslima
dirqiin Kiristaana godhuuf meeshaa Faransaayii irraa
fudhatee ittiin lolaa ture. Kan fuuldura bu’ee ittiin lolaa
tures phaaphaasii biyyichaa Abuune Salamaa ture.
Sirni gabroomfattoota Amaaraa saba Oromootiin
ā€˜gaallaa, gara jabeessa, yeeyyii, aramanee, bishaan
keessaa kan ba’e …’ jechuudhaan maqaa balleessaa
turan. Waa’ee saba Amaaraa immoo akkas jedhu turan:
Maqaan Amaaraa jedhu jecha Amhaaraa kan jedhu irraa dhufe.
Hiikti isaas filatamaa, saba bilisummaa qabu jechuudha. Am
jechuun saba jechuudha. Haaraam jechuun immoo kan
___________________
1 Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa/Biiroo Aadaafi Turizimii
Oromiyaa, 1998
2 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis
Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 94

hurriidhaa bu’e, amala qabeessa, injifataa, hogganaa olaanaa
jechuudha.1

Ummanni kun nama amantii Ortodoksii hin hordofne
hundumaa aramanee jedhanii waamu. Jechi aramanee
jedhu hiikti isaa gara jabummaa, laafina kan hin qabne,
ajjeesaa, bineensa jedhuudha. Kun dhugaatti eenyuun
ibsa kan jedhu akkuma jirutti haa taa’u. Gocha kana
hunda keessawuu miidhaa eenyummaa lamaan irratti
hundaa’etu jiraa akeeka. Namootaaf ibsuudhumaaf
malee kun waan beekamaa ta’eef bal’isuu hin
barbaachisu.
Ummanni biyya keenya saamaa turan hanga ammaatti
harqoota gabrummaa kallattii hundaa nutti fe’ataa turan.
Rakkoo ummanni Kolonii biyya alaa kan akka
Xaaliyaanii ummata keenya irraan hin ga’in nurraan
ga’aniiru. Sabni keenya osoo dachii bal’aa qabuu
ā€œrakkatee bakka itti rakkatullee dhabaaā€ ture. Madaa’ee
bakka itti wallaanamu dhabuun nu mudateera. Kan
du’ee lafa itti awwaalamu dhabes ni jira; ummanni
keenya bara dheeraaf Finfinnee keessatti lafa awwaalaa
gaafataa ture. Warra amantii Ortodoksiitiif malee hin
eeyyamamu jechuudhaan lafa awwaalaas dhabaa ture.
Dr. Abdallaa Kadir ni jedhe: ā€œmanni bataskaanaa taayitaa
keessatti abbaa mirga guutuu turte; mijaa’ina meeshaa
__________________
1 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis
Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 32 – 33

irraa ka’ee biyya guutuu keessatti dhaabbata ittiin
ummata kiristaanessaniifi barsiisan ijaaruu danda’an.
Meeshaalee fooyya’aadhaanis of gargaarsifatan.
Muslimoonni immoo magaalaa guddaa keessattuu
masjida ijaaruu irraa dhorgaman. Bara Minilik (1889 –
1913) bakka itti awwaalaman hin qaban ture.ā€1 Ergamaan
Sulxaan Abdul Hamiid gara Minilik yeroo dhufu
Muslimootaaf bakka awwaalaafi masjidaa akka
eeyyamuuf itti jabeessee gaafannaan Minilik qeebaluu
isaa mullisee ture. Muslimoonni sanaan ni gammadan.
Masjidicha hixaa gaarii maqaa mootichaatiin ilaallachuuf
jecha Humeydiyyaa jedhanii moggaasuu yaada isaanitti
dhiheesse. Yeroma ergamaan Turkii sun achii deemu
waadaa isaa diigee Finfinneen masjida malee hafte.
Hayle Sillaaseetu booda waggaa soddomaatii eeyyame.2
Qabxiin ummanni keenya hunduu asirratti itti
dammaquu qabu akka sabni waliif yaaduu dhiisee diina
walitti ta’u diinota keenyaan yeroo dheeraaf nurratti
hojjatamaa ture. Biyya keenya keessatti akka ummanni
hariiroo qabutti hin fayyadamne diinni shira adda addaa
baasee ummata wal jibbisiisaa ture. Fkn yoo Oromoon
tokko mirga isaa falmate maqaa ABO jedhuufi kan biraa
itti moggaasuudhaan nama kana diina biyyattiifi lammii
isii godhanii dhiheessu. Akka sabni biraa hunduu ija
diimatee isa ilaalu godhu. Shira kanaan saboonni biyya

1 Qaroomina Islaamaa Habashaa Keessatti, Dr. Abdallaa Kadir, 19
2 Islaamaa Habashaa Keessaa, Yuusuf Ahmad fuula 77.

kana keessa jiran hunduu yeroo dheeraadhaaf osoma
dachii Oromoo irra jiraatanii Oromoo akka diinaatti akka
ilaalan gochuu danda’aniiru. Yoo Muslimni mirga isaa
falmate immoo maqaa shororkeessa, alqaa’idaa,
mankaraarsaa, dhaadessaafi kkf itti uumanii ummata
sodaachisu. Namoonni shira kanaan jeeqaman yeroma
Muslima kuufiyyaa kaa’ate ykn marata qabu argan
sodaachuu eegalu. Yoo ummanni shira kanaan wal loluu
dide immoo taayitaa isaanii tursiisuuf jecha gara
jabeenyaan akka ummanni wal loluufi wal ajjeesu godhu.
Diraamaan akka kanaa seenaa fagoo osoo hin taane
umurii keenya keessatti baay’ee nu mudateera. Fkn
Oromoonni akka amantiin wal qoodanii wal lolan yeroo
barbaadan naannoo mana amantii Kiristaanaatti nama
isaanii erganii akka Qur’aana cicciru ykn mana
fincaaniitiin fayyadamu godhu. Muslimoonni yeroo
Qur’aanni xiqqeeffamuu argan obsa dhabanii warra
mana amantii kanaatu Qur’aana cicciree mana fincaaniitti
fayyadame jechuun aarii qabaniin ummata Oromoo
amantii Kiristaanaa qaban sanaan wal lolu. Aariidhaan
namoonni du’uufi manneen gubachuunis nu mudateera.
Yeroo kana diinni shira kana qindeesse hanga sabni kun
wal lolee dhiiga walii buusee diina wal godhatutti ilaala.
Sana booda akka qaama seera kabachiisuu fakkaatee
garee lamaan irraawuu nama mana hidhaatti guura.
Wanti nama ajaa’ibu kan ajjeeses kan ajjeefames saba
keenya. Warri lubbuun hafe immoo shira kanaan mana

hidhaa gala. Maatiifi ilmaan warra ajjeefameefi hidhamee
bakkeerratti hafti. Namni tokkollee isaan bira hin
dhaabbatu. Inumaa nama ilmaan qehee duwwaatti hafte
gargaarellee qabanii hidhaa turan. Hammeenya akka
kanaa ilaali! Ilmi namaa akkana garaa walitti jabaate!
Ummanni shira kanaaf yeroo baay’ee saaxilame godina
Jimmaa naannoo Bashaashaa, Sandaaboofi kkf. Wanti
nama gaddisiisu immoo ummanni keenya gocha kana
shira diinaa ta’uu wallaalee hanga ammaatti wal jibbee
hafuu isaati. Yeroon kitaaba kana barreessullee shira
kanaan sabni Amaaraa tokko magaalaa Mattuutti
Qur’aana ciree meeshaa suuqiitiin maree akka gurguru
godhan. Ummanni baay’ee jeeqamuu bira gahee ka’ee
shira diinaa ta’uu dammaquudhaan kallattii seera
qabeessaan itti deemuu filate. Amma kan nurraa eegamu
Muslimas ta’ee kiristaanni gochi Qur’aana mana fincaanii
geessuufi bataskaana gubuu shira diinaatiin kan
qindeeffame ta’uu barree saba keenya kallattii hundaan
miidhamaaru kana miidhaafi roorroo keessaa baasuuf
haaloo sana dagachuudha. Dhuguma dogoggorri kallattii
lamaaniinuu uumamuu danda’a. Garuu dogoggorri kun
akka uumamu qaamni qindeessee fide diina hundaa
ta’uu barree kaayyoon isaa akka galma hin geenye
gochuun dirqama saba keenyaati.
Egaa Oromoonni Muslimaa kan sababa amantiifi
sabboonummaa si’a lama miidhaman Oromoota
Kiristaanaafi waaqeffataa ta’anii sababa sabboonummaa

isaaniitiin miidhamanii wajjin akkamitti wal hubatee
bu’aa walii galaatiif qabsaa’ee saba isaatiif mirga guutuu
argamsiisuu danda’a yaada jedhu ibsuun kaayyoo
kitaaba kanaa isa guddaadha. Ummanni Oromoo
hunduu mirga isaa kabachiisuuf, dachiifi qabeenya isaa
saamame Finfinneen osoo hin hafin deebifachuuf,
ummata isaa qaroomsuuf, dingdeefi aadaan guddisuuf,
Afaan Oromoo baballisuuf qabsaa’uun dirqama isaati.
Qabsoon inni kun dirqama nu hunda irra jiruudha.
Namni tokko gabrummaa keessatti dhalachuun badii
isaatii miti; garuu gabrummaa fudhatee keessatti du’uun
badii isaati.
Ummanni keenya yeroo dheeraaf gabrummaa
dubbannee dabarsine kana didee qabsaa’aa ture.
Guyyuma tokkollee itti gammadee fudhatee hin teenye.
Kana hundaaf ragaan guddaan sochii jaarraa kudha
shanaffaafi kudha jahaffaa kallattii lamaaniinuu
tureedha. Kanaafuu bilisummaa ofiitiif qabsaa’uun
hunda keenya irraa eegama. Yeroo bilisummaaf
qabsoofnu kana immoo daangaa seera qabeessa keessa
deemuu qabna. Yoo daangaa dabrine sochiin keenya
bu’aa buusuurra taree faallaa ta’ee miidhaa guddaa
fiduutu mala. Wareegamni kaffalame hunduu miidhaa
qofa ta’ee hafuutu mala. Fakkeenya kanaa yoo ilaalle,
akkuma fuulduratti bal’inaan dhufuuf adeemu,
biyyootiin Awrooppaa yeroo jalqaba warraaqsa
bilisummaatiif ka’an roorroo mootummaan abbaa irreefi bataskaanni Kaatolikii isaan irraan gahaa turte mormuuf
ture. Sababa kanaa sochiin bilisummaa jalqaba
Faransaayii keessatti eegalame ni milkaa’e. Biyyiifi
ummanni isii bilisummaa argachuu danda’an. Isii
hordofanii biyyoonni Awrooppaa hunduu qabsaa’anii
bilisummaa biyyaafi saba isaanii labsatan. Garuu yeroo
booda dhiphinni sabaa kan ummanni Yahuudaa ittiin
socho’u Awrooppaa seene. Keessumaa biyya Jarmanii
keessatti bakka guddaa argate. Ummanni Jarmanii nuti
saba Rabbiin filate waan taaneef addunyaa bulchuu
qabna yaada jedhu fudhatanii ka’an. Sochiin
mootummaa Jarmanii kan Hitlariin hogganamu hunduu
bu’uura kana irratti hundaa’ee itti fufe. Mosolooniinis of
dhaaduu sabaa kanarratti akka Hitlarii wajjin dhaabbatu
labse. Jaappaaniinis bu’uura isaanii irratti hundooftee
sochoote. Biyyoonni kunniin sadan lola Faransaayii
irratti labsan. Ingiliziin Faransaayii deeggartee isaaniin
lolte. Sababa kanaa waraanni addunyaa lammaffaa kan
namoota miliyoona 54 ol fixe jidduu ummata
Awrooppaatti geggeeffame. Bu’urri lola kanaa
sabboonummaa kaayyoo isaa lakkisee of tuuluutti
jijjiirameedha. Sanarrattis osoo hin dhaabbatin
bilisummaaf qabsaa’uu isaanii dagatanii garba
qaxxaamuranii biyyootii Afrikaafi Eeshiyaa gabroomsuuf
dhufan. Fageenya deemuu dhiifnee yoo sochii bilisa
baastota ummata Tigiree biyya keenyaa ilaalle jalqabni
isaa ummata isaanii hacuucame bilisa baasuu ture. Boodagaruu kaayyoo isaa lakkisee saboota Itoophiyaa kan
biroo keessumaa Oromoota irraan hacuuccaa guddaa
ga’uufi qabeenya isaa saamuu eegalan. Qabeenya
sadarkaa biyyoolessaatti gurguddaa ta’ellee ni hatan.
Hanni isaanii seera qabeessa godhuuf namoota baay’ee
miidhan. Ogga kana ummanni keenya sila Dimokraasii
arganne jedhee taa’aa ture guutuu biyyattii keessatti
isaanitti qabsaa’uu eegale. Dhumti isaanii waan inni irra
ga’e kunooti argine.
Kanaafuu sochiin keenya seeraafi kaayyoo ifaa qabaatee
lammii keenya kan yaadaafi amantii fedhe qabuufuu wal
qixxummaa kennee socho’amuu qaba; muudamni
taayitaa qabsoo kanaan dhufellee walqixxummaa kallattii
hundaa qabaachuu qaba. Amantiifi ilaalcha siyaasaatiin
kan namoota keenya adda qoodu yoo ta’e innis booda
deebi’ee rakkoo uumuun shakkii homaa hin qabu. Kana
kan sirreessuu danda’u immoo, erga Rabbiitii, qabsoo
ummataati malee warra taayitaa fudhate qofaa miti.
Kanaafuu ummanni keenya keessumaa Muslimoonni
ilaalcha Islaamni qabsoo akka kanaa irratti qabu baruun
osoo dhiphina sabummaa isa Islaamni seerate keessa hin
seenin kaayyoo qabsochaa sirriitti hubachuun, kaayyocha
sana galmaan ga’uuf socho’uu nu barbaachisa.
Silaa waan akka kanaa qindeessee kan ummata
Muslimaa hubachiisuu qabu Gumii Dhimma Islaamaa
ture. Garuu namoonni yeroo ammaa diinaan

muudamanii jiran kaayyoon isaanii ummataaf
dhaabachuu osoo hin taane diinaa wajjin haala ittiin
ummata saamaniifi gabroomsan karoorsuu waan ta’eef
durumaanuu sochiin bilisummaa ummataa diina
isaaniiti. Akka itti sochicha dhaamsan karoorsuu malee
kallattii agarsiisuun ga’ee isaaniitii miti. Kana booda
ummanni mirga amantii isaa kanaafis akka sirriitti
socho’u abdii guddaan qaba. Gaaffiin ummata Muslimaa
kan hanga ammaatti hin deebi’inis qabsoo kana keessa
deebii argata jedheen yaada. Erga hojiin guddaan kun
abbaa dhabee ani hanga dandeettii kiyyaatiin yaada kana
ummata hubachiisuun qaba jedheen kitaaba kana
qopheessuutti ka’e. Bu’urri yaada kanaa marii Ustaaz
Ahmaddiin Jabalii waliin goone ture. Marii sana irraa
ka’uudhaan hojjatamuu akka qabus walii galle. Sana
booda odeeffannoo waan kana ilaallatu walitti funaanuu
eegalle. Amma Al-hamdu Lillaah kitaaba ta’ee harka
nama dubbisuu ga’eera. Erga barreeffamee xumuramees
namoonni baay’een yaada itti kennaniiru. Hunduu
gammachuu guddaa irraa qabu turan. Hunda isaaniituu
Rabbiin mindaa gaarii haa mindeessu. Akka kitaabichi
ummata keenya kallattii agarsiisus abdii guddaan qaba.
Garuu yaada kitaabni kun qofti ummata jijjiira jedhu
gonkumaa hin qabu. Haa ta’u malee kallattii ni agarsiisa;
hojiiwwan fafakkaatoof bu’uura ni ta’a ykn mariif hulaa
ni bana jedheen abdadha. Mata duree akka kanaa irratti
kitaaba qopheessuunuu nuuf milkii guddaadha.

Posted on

Design a site like this with WordPress.com
Get started