Akkam jirtu yaa warra ija fagotti waa agartu qabu nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa ga’u jechaa wantoota torban darban kana keessa argame irraa waa dubbachuufani 1 suuraa jawaar mohammed #photoshop dhan tolfame 2 dhimma amantiiti odeeffanoo ragaadhan guuttame πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Dhimmi waa’ee amantii waahunda dursuun dirqama wanti hundi amantii booda waan ta’ef warroonni irra deddeebin amantaa namaa tuttuuqxan muslima ta’e kiristaana ta’e amantii namaatti arraba dheeressuun dura amantaa kee sirritti bari sana booda itti hojadhu erga bartee itti hojattee wanti amantii namaatin walitti sifidu hin jiru. Maalif amantiin hunduu amantaa namaa tuqaa hin jettu waanta’eef itti aansuudhan warri amantii kiristaana uf eega/uf kabaja keessatuu oromoon kiristaana ergama naafxanyummaa kana dhiisa

Lammaffaan jabana lij iyyaasu keessa wanti akkanaa argamee ture

Lij iyyasuu jechuun mootii Ethiopia A.L.A tti bara 1913-1916 bulcheedha

Zabana san keessa minilik ilmoo dhiiraa waan hin qabneef lij iyyaasuudha angoo dabarse

Lij iyyaasun ilma shawaaraggash intala minilikitu dhale abbaan saa oromoo walloodha M.A jedhama (ras michael)jedhamuun beekkama

Iyyasuu kana bokaanintoonni amaaraa angoo irratti guufuu dadhabanii shiroota adda addaa irratti dalagaa tura

Inni akkuma jawar muhammad kanatti ummata biratti jaallatamaa ture ummata isa jibbisiisuf wanti hin godhamin hin jiru keessafuu suuraadhan kiristaanatti muslima fakkeessanii muslimatti kiristaana fakkeessanii ummata keessa jibbiinsa buusuf yaalamee milkaa’efii ture

Ammas akkasuma gochuuf yaala jiru waan ta’eef lama hin sobamnu jawween yoomiyyuu lubbuu keenya

Galatooma!!

Posted on

Design a site like this with WordPress.com
Get started